top of page
Search

Wallagga FC Project|Dhaloota

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Saasiggaa Magaalaa Bareedaatti ijoolleen umuriin 7-20 gidduu jiraniif leenjiin kubbaa miillaa kennamaa jira. Leenjisaa garichaa kan ta’e Leencoo Margaa ijoollee kubbaa miillaan ga’umsa qaban leenjisuu qofaa utuu hin taane dhaloota lammii gaarii ofiifis biyyaafis bu’aa buusan akka ta’aniif hojjechaa jira. Gara fuula duraattis Wallaga FC bakka bu’uun sadarkaa biyyaa fi addunyaatti urjii ta’anii akka mul’ataniif kana caalaatti cimsee akka irratti hojjetu himee jira.


 
 
 

Comments


bottom of page